Skip Navigation Links    
     





 

 
raadiyoon faanaa hojjattoota isaa waliin ta'uun haaromsa itiyoophiyaatif sochii eegale cimsee akka itti fufu ibsame

Saturday, February 06, 2010

 
     
   

finfinnee amajjii 29/2002(raadiyoo faanaa )raadiyoon faanaa hojjattoota isaa waliin ta'uun haaromsa itiyoophiyaatif sochii eegale cimsee akka itti fufu hojii gaggeessan muummee dhaabbatichaa obbo walduu yimasal himan.

waldaan aksiwoona raadiyoo faanaa ayyaana hundeefama isaa waggaa 15ffa sababeefachuun ayyaana xummuraa hojjattootaa isaa waliin sirna o'aa ta'een kabajeera.

hojigaggeessaan mummee waldaa aksiwoonichaa obbo walduu yimasal ayyaanicharratti akka dubatanitti raadiyoon faanaa asgwuudhaaf bu'aa bahii hedduu bira dabruun hojjattoonni isaa wareegama guddaa kanfaluudhaanii.

hojjattoonni cimina hojii agarsiisaa turan cimsanii akka itti fufan waamicha taasisaniiru.

raadiyoon faanaa sochii misoomaa bitti teenya eegalte deegaruun shoora isaa akka gumaachuus himaniiru.

harka duwwaatii kan ka'e raadiyoon faanaa yaroo ammaa abba qabeenya gamoo baasii birrii miliuoona 60 olii ta'uu isaa kan dubatan obbo walduun kun ammoo yoo cimanii hojjatan wantii hindanda'amnee akka hinjiraanne agarsiisaa jadhaniiruu.

ayyaanicha irratti hojjattoota waggaa 15 hojjataniifi ciccimoo ta'aniif meedaaliyaaniifi maalaqani akkasumas isaan waggaa 10 hojjataniif waraqaan ragaa badhaafameera.