finfinnee Guraandhala 1/2002( raadiyoo faanaa) Gamtaan parlaamaa Walta'iinsa misoomaa Mootummoota Afrikaa Bahaa IGAD kaayyoo itti hundeefame galma akka gahu biyyoonnifi dhaabbileen gargaarsa barbaachisu akka taasisan Afa yaa'iin Mana maree bakka bu'oota ummataa gaafatan.
Waajirri gamtichaa Finfinee keessatti ta'uu isaatiin wal qabatee Ambaasaadaroonni biyyoota miseensaafi bakka bu'ootni biyyootaafi dhaabbilee idila addunyaa har'aa gargaarsa gamtichaaf taasifamuu qabu irratti mar'ataniru.
Yeeroodhumma kana Af yaa'iin Mana maree bakka bu'oota ummataafi Itti anaa Pireezdaantiin gamtichaa Kabajamoo Anbaasaadar Tashooma Toogaa akka jedhanitti gamtichi kaayyoowwan qabate galmaan akka gahu gargaarsawwan heedduu barbaada.
Rakkoo nagaafi tasgabbii kuutaa ardichaatti jiru hiikuu,milkaayiina hojilee misoomaa mootumootiin hojataniif deegarsa taasisuufi walitti dhufeenya ummatootaa cimsuun kaayyoowwan gamtichaa keessaa isaan ol anoo akka tahanidha Ambaasaadar Tashooma Toogaan kan hubachisan.
Hirmaatonni yaa'iichas yaada keenaniin waa'ee gamtichaa hubannoo gahaa ta'ee akka qabatan, kaayyoowwan qabatees sirri ta'uu isaanifi deegarsa barbaachisu akka taasisan mirkaneesaniru.